Finfinnee, Sadaasa 17, 2014 (FBC)- Hoggantoonni godina Harargee Bahaa gara adda waraanaatti duuluuf murteessaniiru.
Muummiichi Ministiraa Abiy Ahimad gara adda waraanaatti duuluusaanii hordoofee raayyaa ittisa biyyaatti dabalamuu lakkoofsi lammiilee galma’aanii dabaluu bulchiinsi godina Harargee Bahaa beeksiseera.
Bulchituun godinicha aadde Miskii Mahaamaad turtii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin taasisaniin, gonichatti guyyoota lamaan darban keessaatti lammiilee hedduun raayyaa ittisa biyyaatti makamuuf galmaa’uu himaniiru.
Fakkenyumma MM Abiy Ahimad fudhachuudhaanis hoggantoonni godinichaa hedduu gara adda waraanaatti duuluuf murteessuu isaanii himaniiru.
Godinni Harargee Bahaa deeggarsa Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 34 dabalatee sangoota 430 fi re’oota 470 raayyaa ittisa biyyaaf taasisuuf qophii xumuruu himaniiru.
Iyyoonaadaab Andu’aaleemtu gabaase
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.