Hoggantoonni garaagaraa injifannoo Atileet Tigist Asaffaan galmeessite hordofee ergaa baga gammaddanii dabarsan

Finfinnee, Hagayya 5, 2016 (FBC) –Hoggantoonni Mootummaa Olaanoon injifannoo Atileet Tigist Asaffaan Maaraatoonii Olompikii Paaris 33ffaarratti galmeessite hordofee ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Kaantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen, dorgommii Olompikii 33ffaa Faransaay,Paarisitti gaggeefameen maraatoonii dubartootaan Atileet Tigist Asaffaatiin meedaaliyaa meetii 3ffaa Itiyoophiyaa argamsiisuu isheen baga gammaddan jedhan.

Pireezidaantii Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faarahiinis erga baga gammaddanii dabarsaniiru.

Ministirri Ministira Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofeenis baga gammaddan jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment