Hoggantoonni Gamtaa Awurooppaa fooyyessa gatii boba’aarratti osoo walii hin galiin hafan

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2015(FBC)- Yaa’ii hoggantoota Gamtaa Awurooppaa Beeljiyeem magaalaa Biraasalsitti gaggeeffameen hoggantoonni gamtichaa  fooyyessa gatii boba’aarratti osoo walii hin galiin hafuu gabaafame.

Haa ta’u malee biyyoonni miseensa gamtichaa rakkoo anniisaaf furmaata waloo barbaaduuf fedhii qabaachuu RTn gabaaseera.

Pireezidaantiin Mana Maree Awurooppaa Chaarlas Miisheel, walga’ichaan booda ibsa kennaniin, Awurooppaatti gatii hir’isuu, nageenyummaa dhiyeessii fooyyessuufi fedhii gadi buusuu irratti kutannoon jiraachuu ibsaniiru.

Gamtaan Awurooppaa yaa’ichaan rakkoo anniisaa furuuf tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uufi yeroo dhiyoo keessattis bu’aan akka argamuuf waadaa galuu dubbataniiru.

Ministiroonni Inarjii Gamtaa Awurooppaa rakkoo gama boba’aan jirurratti furmaata barbaaduuf wal arguun ni mari’atu jedhamee kan eegamu ta’uu ibsameera.

Xumura baatii Fulbaanaa sararoota gaazii Raashiyaa  ‘Noorz Istriim’ jedhaman kan gama Jarmaniin Awurooppaaf gaazii dhiyeessan irra miidhaan qaqqabuun kan yaadatamudha.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment