Hoggantoonni fi hojjettoonni Waajjira Muummee Ministiraa biqiltuu dhaaban

Finfinnee, Adoolessa 4, 2014 (FBC) – Hoggantoonni fi hojjettoonni Waajjira Muummee Ministiraa sagantaa Ashaaraa Magariisaan Finfinnee, Giddugalaa Biqiltuuwwaanii Gullalleetti biqiltuu dhaabaniiru.

Saganticharratti Ittigaafatamaan Waajjirichaa fi Ministirri Dhimmoota Kaabinee Obbo Tafarii Fiqiree, Ityoophiyaanonni biqiltuu dhaabbuurratti dammaqinaan hirmaachuu akka qabanii fi damee hundaan imala jijjiiramaa gaggeeffama jiru deeggaruu akka qaban ibsaniiru.

Biqiltuuwwan dhaabaman kunuunsuun, galma qabame milkeessuuf hunduu ittigaafatama isaa akka bahatu dhaamaniiru.

Maddi:TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment