Hoggantoonni fi hojjettoonni Ministeera Dhimma hojjetaa fi hawaasummaa raayyaa ittisa biyyaaf dhiiga arjooman

Finfinnee, Sadaasa 9, 2013 (FBC) – Hoggantoonni fi hojjettoonni Ministeera Dhimma hojjetaa fi hawaasummaa fi Baankii Daldala Ityoophiyaa raayyaa ittisa biyyaa olaantummaa seeraa kabachiisaa jiruuf dhiiga arjooman.
Hoggantoonni fi hojjettoonni Ministeera Dhimma hojjetaa fi hawaasummaa mata duree ‘dhiiga keenya raayyaa ittisa biyyaaf’ jedhuun sagantaa dhiiga arjoomuu raawwataniiru.
Hoggantoonni fi hojjettoonni Ministeera Dhimma hojjeta fi hawaasummaa Raayyaa ittisa biyyaa garee Finxaaleyyii ABUT seeraatti dhiyeessuuf wareegama kaffalaa jiru deeggaruuf dhiiga gumaachuuu isaanii Ministirri Ministeera Dhimma Hojjeta fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayeen ibsuu isaanii ragaan Ministeericharraa argame ni muul’isa.
Oduma walfakkaatuun Hoggantoonni fi Hojjettoonni Baankii Daldala Ityoophiyaa miseensoota raayyaa Ittisa Biyyaaf dhiiga gumaachaniiru.
Baankichi guutuu biyyattiitti hojjettoota kuma 63 ol qabaachuu fi guyyaa har’aa hojjettoonni hundi raayyaa ittisa biyyaaf dhiiga arjoomuu isaanii Preezdaantiin Baankii Daldala Ityoophiyaa obbo Abbee Saannoon dubbataniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Comments (0)
Add Comment