Finfinnee, Sadaasa 29, 2014 (FBC) – Hoggantoonni Biiroolee Barnootaa naannolee Oromiyaa, Amaaraa fi Biiroo Barnoota Magaalaa Finfinnee barattoota sababa weerara garee shororkeessaa ABUTiin qe’ee isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsi akka taasifamu gaafataniiru.
Hoggantoonni kunneen turtii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin taasisaniin barattoota kanneeniif deeggarsi akka taasifamu gaafataniiru.
Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon guddina biyya tokkoof barumsi bu’uura ta’uu ibsuun, barattoota naannolee Amaaraa fi Afaar sababa weerara garee shororkeessaa ABUTiin qe’ee isaaniirraa buqqa’aniif Ityoophiyaanonni hundi tumsuu akka qaban dhaamaniiru.
Gareen shororkeessaa ABUT wayita aangoorra turetti barattoonni tokkummaarra garaagarummaarratti akka xiyyeeffatan taasisuu hogganaan Biiroo Barnootaa magaalaa Finfinnee obbo Zalaalam Mulaatuu kaasaniiru.
Rakkoo biyyi keessa jirtuuf sababni sirna barnootaa darbe ta’uu ibsuun, tokkummaa biyyaalessaa cimsuuf barattoota sirna barnootaa fi sagantaawwan haaraan ijaaruun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Hogganaan Biiroo Barnootaa naannoo Amaaraa Dooktar Maatabee Maandafroo gamasaaniin, naannichatti Kolleejjiiwwan barsiisotaa fi dhaabbilee teekinikaa fi ogummaa dabalatee manneen barnootaa kuma 4 fi 107 garee shororkeessaa ABUTiin barbadaa’uu eeraniiru.
Barattoonni miiliyoonni 1 fi kumni dhibbi 8 ol barnootaan ala ta’uu ibsuun, barsiisonni kuma 11 fi dhibba 6 hojii dhaabuu kaasaniiru.
Miidhaan manneen barnootaa kanneenirra ga’e wayita mallaqaan shallagamu Birrii biiliyoona 11 ol ta’uu kaasaniiru.
Barattoota barnoota isaaniin ala ta’an kanneen gara barnoota isaaniitti deebisuuf mootummaa fi qaamni dhimmi isaa ilaallatu hundi deeggarsa barbaachisaa akka taasisan dhaamaniiru.
Naannoo Keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.