Hoggantoonni ABUT magaalaa Finfinneetti argaman waamicha Paartichi taasiiseef kan hin fudhanne ta’uu beeksisan

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2013 (FBC) – Hoggantoonni ABUT magaalaa Finfinneetti argaman waamicha Paartichi taasiiseef kan hin fudhanne ta’uu beeksisan.
 
Magaalaa Finfinneetti hoggantoonni ABUT sadarkaa garaagaraatti hojjetan waamicha paartichi taasiseef kan hin fudhanne ta’uu ibsuun, gara paartii Badhaadhinaatti makamuuf murteessuu isaanii beeksissaniiru.
 
ABUT ilaalcha amma qabuun ummata naannichaa kan hin fayyadne waan ta’eef ilaalcha moofaa kana haaraan bakka buusun fayyadamummaa ummata naannichaaf hojjechuu qaba jechuu isaanii ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment