Hoggantonni Naannoo Hararii fi Dirree Dhawaa kilaastara bishingaa fi ruuzii daawwatan

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2016 (FBC)- Hoggantonni Naannoo Hararii fi Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa kilaastara bishingaa fi ruuzii Godina Harargee Bahaa Aanaa Baabbilee keessatti misoomaa jiru daawwataniiru.

Hirmaattoonni daawwannichaa muuxannoo gaarii gama qonnaatiin jiru naannawaa keenyaatti hojii irra oolchuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu bira darbee alattis erguu qabna jedhan.

Itti gaafatamaan waajjira qonnaa Godina Harargee Bahaa Obbo Geetaahuun Nigaatu bishingaa sanyii filatamaa hanqina roobaa dandamachuu danda’u hektaara tokko irraa oomisha kuntaala 40 ol argamu akka danda’u himaniiru.

Misoomni ruuzii kilaastaraan misoomaa jirus haala gaariirra jiraachuu dubbatan.

Bulchituun Godina harargee Bahaa Aaddee Miskii Mahaammad gama isaaniin inisheetiviin misooma ruuzii eegalamee akkaa godinaattis babal’achuu akka qabus dhaamaniiru.

Kadiir Shamshaddiintu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment