Hoggansii fi ummanni marti humnasaa Ityoophiyaa baraarurraa gochuu qaba- Waajjira paartii Badhaadhinaa Naannoo Harari

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2014 (FBC)- Hoggansii fi ummanni marti humnasaa Ityoophiyaa baraarurraa gochuu qaba jedhan, hogganaan Waajjira paartii Badhaadhinaa Naannoo Harari Obbo Abduujabbaar Mahaammad.

Hogganaan waajjirichaa haala waqtaawaa naannoo fi biyyaaleessaa ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT diinota alaa fi keessaa Ityoophiyaa diiguuf carraaqan qindeessee kallattii hundaan waraana nurratti baneera jedhan.

Balaa biyyattirratti aggamame qolachuufis mootummaafi ummanni hirmaannaa cimaa gochaa jira jedhaniiru.

Naannichattis hoggansi sadarkaa sadarkaan jiruu fi ummannis murannoon socho’aa jiraachuus himaniiru.

Fuldurattis hoggansii fi ummanni amala dhokataa waraana birmadummaa kana haalan hubachuun xiyyeeffannaa fi humnasaa guutuun Ityoophiyaa baraaruu fi nageenya naannichaas kabachiisuu qaba jedhaniiru.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaaargachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofanaYuutyuubii

https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment