Hoggansi, qaamoleen nageenyaa fi ummanni nageenya kutaalee Oromiyaa akka mirkaneessan gaafatame

Finfinnee, Mudde 30, 2016 (FBC)- Hoggantoonni, qaamoleen nageenyaa fi ummanni kutaalee Oromiyaa hundatti kutannoon nageenya akka mirkaneessan gaafatame.

Waltajjiin marii nageeyaa fi misoomaa godinaalee Oromiyaa garaagaraatti gaggeeffamaa jira.

Haaluma kanaan Bulchiinsa Magaalaa Jimmaatti waltajjiin marii misoomaa fi nageenyaa qaamolee hawaasaa garaagaraa hirmaachise gaggeeffameera.

Kantiibaa Ittaanaan Magaalaa Jimmaa Obbo Waasee Girmaa gabaasa hojii misoomaa fi nageenyaa magaalichatti hojjetamaa tureerrattii garee supperviizhiniif magaalitti argameef ibsa kennaniiru.

Supperviizhiniif kan magaalichatti argaman Kantiibaan Magaalaa Roobee Obbo Nigaatuu Mootummaa, ummanni Jimmaa nageenya amansiisaa fi itti fufiinsa qabu mirkaneessuu keessattis muuxannoo addaa kan qabu ta’uu eeraniiru.

Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Maayaa Obbo Alamaayyoo Taaddasaa qhawaasni mahgaalicha akkum aduraaniitti kabajaa fi nageenyasaa isaanii eeggachuu cimsanii akka itti fufan gaafataniiru.

Hirmaattonni maricharratti nageenya isaanii eeggachuun akka qaban himanii, ummanni Oromiyaa wal ijaaree tokkummaan nageenyasaa eeggachuu qaba jedhan.

Hoggantoonni, qaamoleen nageenyaa fi ummanni kutannoon nageenya kutaalee Oromiyaa hundatti mirkaneessuun dirqama ta’uus dubbataniiru.

Haaluma walfakkaatuun Magaalaa Roobeetti waltajjiin nageenyaa fi misoomaa hawaasa naannawichaa hirmaachise gaggeeffameera.

Maricharrattis misoomni magaalattiitti hojjatamee fi hojjetamuuf karoorfaman abdii kan namtti horan ta’uu ibsameera.

Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinna Magaalaa Baatuu Obbo Badhaasaa Reebaa akka jedhnitti Magalaan Roobee jijjiirama keessa jiraachuu kaasanii, ummanni waliigalee waan hedduu akka jijjiiruu danda’u ragaa ta’uu ibsan.

Misooma argames jabeessuun hojiilee hafanis hoggansa wajjiin qindoominnaan hojjatamuu qaba jedhan.

Kantiibaa Magaalaa Maayaa Dooktar Ifraah Waziir gama isaaniin hojiilee jijjiirama gaggeeffamaa jiranirraa ummanni fayyadamaa ta’aa jiraachuu ibsaniiru.

Godinni Baalee nageenya irratti muxannoo gaarii durii kaasee akka qabu ibsuun, daran nageenyaa mirkaneessuuf qaamni hundi ngahee irraa eegamu bahachuu akka qabu dhaamuu ragaan kominikeeshinii magaalota lameenirraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment