Hoggansi Paartii Badhaadhinaa Iistarn Indaastirii Zoon daawwatan

Finfinnee, Amajjii 21, 2012 (FBC) – Hoggansi Paartii Badhaadhinaa Iistarn Indaastirii Zoon daawwatan.

Hoggansi paartichaa magaalaa Adaamaa galma Abbaa Gadaatti leenjirra jiran magaalaa Duukamitti kan argamu Iistarn Indaastirii Zoon daawwachaa jiru.

Hoggansi Paartii Badhaadhinaa Amajjii 16,2012 eegalee magaalaa Adaamaatti leenjirra jiru.

Leenjichi amma Gurraandhala 2,2012tti itti fufa.

Leenjii kana irratti paartichi ADWUI irraa gara Paartii Badhaadhinaatti erga jijjiiramee asitti jijjiirama argame, hanqinoota mudatanirrattii fi kallattii fuula duraa irratti hoggansi olaanaa ni mari’ata.

Dabalataan yaad rimee, kaayyoo fi sagantaa paartichaa irratti kan mari’atamu yemmuu ta’u, tarkanfii fudhatameen jijjiirama dhufe irratti ni mari’atama.

Keessattuu milkaa’ina argame itti fufsiisudhaan tokkummaa yaadaa fi gochaa uumudhaan haala jijjiirama ummanni bayyattii barbaadu fiduun itti danda’amu irratti leenichi kan xiyyeeffatudha jedhameera.

Leenjichi humna raawwachiisummaa hoggansaa cimsuudhan milkaa’ina itti aanuf akka qophaahan taasisuu irratti kan xiyyeeffatudha jedhameera.

Leenjichi matadureewwan “Bu’aa jijjiramichaan argame amala isaa hubachuudhan itti fufsiisuu, gufuuwwan mudachuu danda’an duursanii hubachuu, gaaffilee hawaas-diinagdee ummataa haala itti deebisuun danda’amuu fi gaaffilee olaantummaa seeraa haala itti deebisuun danda’amu” irratti kanneen xiyyeeffatanidha jedhaniiru.

Leenjii guyyootii 17f turu kanarratti hoggansi olaanaan kuma 2 ol hirmaachaa jiru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment