Hoggansi Paartii Badhaadhinaa Finfinnee mindaa isaanii baatii tokkoo Hidha Haaromsaatif laatan

Finfinnee, Eebila 16, 2012 (FBC) – Hoggansi Paartii Badhaadhinaa Finfinnee mindaa isaanii baatii tokkoo ijaarsa Hidha Haaromsaatif laatan.

Hoggantoonni kanneen Birrii miiliyoona 19 ol ijaarsichaaf laataniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Ijaarsa Hidha Haaromsaa Finfinnee obbo Zaman Juunaddiin itti gaafatamtoota waajjira kutaalee bulchiinsa magaalaa waliin galii walitti qabuu fi dhimmoota biroorratti mari’ataniiru.

Hojii weerara vaayrasii qolachuuf taasifamuun cinaatti ijaarsa hidhichaa deeggaruuf qabeenya walitti qabuun murteessaa ta’uu beeksisaniiru.

Liigiin dubartoota paartichaa kan Finfinnee ammoo dhiiga arjoomaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment