Hoggansi jijjiiramaa dilbii gama hundaan jiru soquun gara carraa siyaas-dinagdeefi hawaasummaatti jijjiiruu dirqama isaa taasisee hojiitti gale – Pir. Shimallis

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2016 (FBC) – Hoggansi jijjiiramaa dilbii gama hundaan jiru soquun gara carraa siyaas-dinagdeefi hawaasummaatti jijjiiruu dirqama isaa taasisee hojiitti galeera jedhan Pireezidaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan.

Hooggansi jijjiiramaa haala barameen qabeenya jiru hogganuu qofti hawwii misoomuu ummata akka hin dhugoomsine hubatee, dandeettii ifatti muul’atu qofa osoo hin taane dilbii gama hundaan jiru soquun gara carraa siyaas-dinagdeefi hawaasummaatti jijjiiruu dirqama isaa taasisee hojiitti galeera jedhan.

Kana ka’uumsa taasifachuunis seektara turizimii seektaroota imala badhaadhinaa qabame milkeessan jedhamanii toora xiyyeeffannoo taasifaman keessaa tokko taasise.

Sochii hanga ammaa taasifneen, qabeenyi uumamaafi nam-tolchee hawwata turistii ta’an hedduu naannoo jiraatanis, ija addaatiin ilaaluufi misoomsuu akkasumas beeksisuu dhabuurraa kan ka’e, faayidaa hedduu akka dhabne hubachuu dandeenyeerra.

Haaluma kanaan, waggoota sadan darban riifoormii seektaricha irratti taasifameen, turizimiin shoora olaanaa misooma keessatti qabu gumaachuu akka jalqabu taasifameera.

Hojii hanga ammaa raawwatames bu’aa seektaricharraa argamu malu argachuuf waggoota hedduu akka nurraa hin fudhanne kan nutti agarsiisuudha jedhan.

Iddoowwan hawwata turistii dagatamanii turan keessaa tokko kan ta’e, Haroon Wancii yaada “Gabataa Biyyaa” Looreetii Nagaa Addunyaafi Muummee Ministiraa keenya Dr. Abiyyi Ahimadiin jalqabamee yeroo ammaa sadarkaa kanarra gaheera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment