Hoggannaan Alqaayidaa Ayimaan Al Zawahirii ajjeefame

Finfinnee, Adoolessa 26, 2014 (FBC) – Ameerikaan hogganaa garee Alqaayidaa Ayimaan Al Zawahirii ajjeesuu ishee beeksifte.

Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan akka ifoomsanitti, Osaamaa Bin Laadiniin bakka bu’uun garecha kan hogannaa turaan Ayimaan Al Zawahiriin Afgaanistaan, Kaabuul keessatti haleellaa dirooniin raawwatameen ajjeefamaniiru.

Dilbataa darbe Dhaabbanni Basaasaa Ameerikaa (CIA) duula gaggeessuu Joo Baayidan kan himan.

Haleellaan diroonichaa addatti Ayimaan Al Zawahiriirratti kan qiyyeeffate waan ta’eef maatiin isaa biroon akka hintuqamiin eerameera.

Ayimaan Al Zawahirii haleellaa shororkeessummaa Fulbaana 11 Ameerkaatti raawwate keessatti hirmaannaa olaanaa akka qaban himama.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment