Hogganaan waraana Shanee Ajeja Bahaa Jaal Odaa Qabsoon to’annoo jala oole

Finfinnee, Muddee 29, 2014 (FBC) – Naannoo Hararitti Hogganaan waraana Shanee Ajeja Bahaa Jaal Odaa Qabsoon to’annoo jala ooluu Komishiniin Poolisii naannichaa beeksiise.

Qaamoleen nageenyaa fi hawaasni hojii qindoomina qabu hojjetaniin Jaal Odaa Qabsoo dabalatee miseensonni garichaa biroo to’atamuu Itti aanaan Komishinaraa Komishinii Poolisii naannoo Hararii Jaabbiir Aliiyyuu ibsaniiru.

Yeroo ammaa Shakkamtoota kunneen irratti qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu himuu isaanii ragaan Biiroo Bulchiinsa fi nageenyaa naannichaarraa ergame ni muul’isa.

Meeshaleen waraanaa garaagaraa shakkamtoota kanneen weliin to’atamuu eeraniiru.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment