Hogganaan Telegiraam Faransaayitti to’atame

Finfinnee, Hagayya 20, 2016 (FBC)-Hogganaan miidiyaa hawaasummaa Telegiraam Paaveel Duuroov Faransaayitti to’annoo jala oolfamuun gabaafame.
Miidiyaalee Fayansaay wabeeffachuun BBC’n akka gabaasetti, Paaveel Poolisii Faransaayiin kan to’atame, xiyyaara dhuunfaa isaan buufata xiyyaaraa Lee Burgee jedhamu wayita qubatutti ta’uun eerameera.
Sababni to’atamuu isaas telegiraamiidhaan yakki raawwatameera jedhamuun ajaja akka to’annoo jala oolfamu irratti ba’een akka ta’e Poolisiin ibseera.
Raashiyaatti kan dhalate, abbaan qabeenyaa kun lammummaa Faransaayii fi Emereetota Arabaa kan qabu ta’uun ibsameera.
Paaveel Duroov, ragaalee fayyadamtootaa dabarsee hinkennuu jechuun bara 2018 telegiraamiin Raashiyaa keessatti ugguramee turuun ni yaadatama.
Comments (0)
Add Comment