Hogganaan olaanaan waraana Adda Bilisa Baasaa Gaambeellaa kan turan mootummaaf harka laatan

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2014 (FBC) – Hogganaan olaanaan waraana Adda Bilisa Baasaa Gaambeellaa kan turan obbo Zaan Duumeer karaa nagaan qabsaa’uuf mootummaaf harka laachuu ibsame.

Obbo Zaan waamicha mootummaa fi hoggantoonni gosaa  naannichaa kanaan dura taasisaniif hordofuun  harka laachuu  ibsameera.

Hogganaan olaanaan waraana dhaabbata Adda Bilisa Baasaa Gaambeellaa Obbo Zaan gara bosonaa galuun qabsoo hidhannoo dogongoraa taasisaa turuu ibsuu isaa ragaan prees Seekretariyaatii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment