Hogganaa olaanaa Alshabaab kan ta’e Abdullaahii Yaareen ajjeefame

Finfinnee, Fulbaana 23, 2015 (FBC) – Hogganaa olaanaa Alshabaab kan ta’e Abdullaahii Yaareen haleellaa Dirooniin ajjeefamuu Mootummaan Somaaliyaa beeksiise.

Hundeessaa garichaa ta’uun isaan kan himamu Abdullaahiin Yaareen naannawaa Qarqara Galaanaa Soomaliyaa Haraamkaa jedhamutti haleellaa qindaa’aa qilleensaa fudhatameen ajjeefamuu Ministeerri Beeksiisaa Soomaliyaa ibseera.

Ajjeeffamuun isaa nageenyaa fi Tasgabbii Somaaliyaaf qooda olaanaa qabaachuu ibsameera.

Tarkaanfiin fudhatamaa jiru Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad finxaaleeyyiirratti tarkaanfii cimaan akka fudhatamu waadaa galuu isaanii hordofee ta’uu Al Arabiyaan gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment