Hizboolaan iddoolee waraana Isiraa’eel 9 haleeluu beeksise

Finfinnee, Amajjii 18, 2016 (FBC) – Gareen hidhattootaa Libaanoos Hizboolaan iddoolee waraana Isiraa’eel naannawaa daangaatti argaman 9 haleeluu beeksiseera.

Garichi Misaa’eelootaa fi meeshaalee waraanaa jajjaboo biroon haleellaa kana raawwachuu ibsaneera.

Waraanni Isiraa’eel gama isaaniin haleellaan Misaa’eelootaan deeggarame raawwatamus miidhan qaqqabe kan hin jirre ta’uu ibseera.

Meeshaalee waraanaa gurguddoon deeggaramuun haleellaa deebii kennaa jiraachuu himeera.

Erga waraanni Isiraa’eelii fi Hamaas eegalame jalqabee, naannawaa Kibba Libaanoostti muddamni jiru hammaachaa kan dhufe yoo ta’uu, Waraana Isiraa’eelii fi Hidhattoota Hizboolaa gidduutti guyyaa guyyaan naannawaa daangaatti waljijjiiraan dhukaasaa itti fufeera.

Qondaalli olaanaa waraana Hizboolaa Wiisaam Taawiil haleellaa xiyyaara Isiraa’eeliin tibba darbe ajjeefamuu hordofee Hizboolaan haloo ba’achuuf haleellaa waraana Isiraa’eelirratti raawwatu cimsee itti fufuu ‘Ispuutinik’ gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment