Hiyyummaa bu’uuraan injifachuuf carraalee misoomaatti qixaan fayyadamuun murteessaadha-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2017 (FBC)- Hiyyummaa bu’uuraan injifachuuf carraalee misoomaa qabnutti qixaan fayyadamuun murteessaadha jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan.

Gamaaggamni raawwii hojii Paartii fi Mootummaa kurmaana 1ffaa guyyoota sadan darbaniif Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa ture xumurameera.

Waltajjii kanaan ciminootaa fi hanqinaaleen raawwii hojii keessatti mul’atanirratti kan mari’atame yoo ta’u, harcaatii karoora hojii keessatti mudatan furuun fayyadamummaa hunda galeessa mirkaneessuuf xiyyeeffannaan hojjachuun murteessaa akka ta’e ibsameera.

Xumura waltajjichaarratti Pireezidaanti Shimallis kallatti kennaniin galmootaa fi mul’ata waloo badhaadhina hunda galeessa dhugoomsuuf qabaman fiixaan baasuuf carraalee misoomaa qixaan hubachuun hojiirra oolchuu, gaggeessummaa tarsiimawaa fi beekumsa bu’uureffate sadarkaa hundatti hojiirra oolchuun murteessaadha jedhaniiru.

Kurmaana jalqabaa keessatti gurmaa’insa gandaa haaraa hojiirra oolchuu dabalatee hojiileen gaggaariin fayyadamummaa ummataatiif bu’uura ta’an hojjatamuu kan ibsan Pireezidaanti Shimallis fuulduratti karoora qabame dachaan milkeessuuf xiyyeeffannaa fi qindoomina olaanaan hojjachuun barbaachisaa ta’uu dhaamuu ragaan Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment