Hirmaattota marii biyyaalessaa adda baasuun aanaalee 850 xumurame

Finfinnee, Bitootessa 27, 2016 (FBC)- Aanaalee 850 fi bulchiinsa magaalotaatti hirmaattoota marii biyyaalessaa hojiin adda baasuu guutummaatti xumuramuu Komishiniin Marii Biyyaalessaa beeksise.

Koomiishinichi adeemsa hojichaa ilaalchisuun ibsa kenneera.

Itti Gaafatamaan Quunnamtii Ummataa Koomishinichaa Obbo Xibabuu Taaddasaan ibsa isaaniin, akka biyyaattii aanaalee kuma 1 fi 300 akkasumas bulchiinsa magaalotaatti gaggeeffamaa jiraachuu ibsanii kana keessaa 850’tti gutummaatti xumuramuu ibsaniiru.

Hojiin hirmaattotaa fi ajandaa adda baasuu naannolee Afaar, Gaambeellaa, Kibba Lixa Itiyoophiyaa, Beenishaangul Gumuz, Sidaamaa fi Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti xumuramuu himaniiru.

Hojiin ittaanuu naannolee Amaaraa fi Tigraayitti ta’uu eeruun, Naannoo Amaaraatti rakkoon nageenyaa waan jiruuf gufuu ta’uu kaasaniiru.

Akka biyyaatti hanga ammaatti hirmaattonni kuma 130 kan filaman yoo ta’u, namoonni kuma 14 ta’an ammoo filannoo ajandaarratti waltajjiiwwan fuulduratti gaggeeffamurratti akka hirmaatan Obbo Xibabuun dubbataniiru.

Alamsaggad Asaayyee fi Haayimaanot Wandiraaditu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment