Hirmaattota ijaarsa gamoowwanii ulaagaa labsii hinguunnerratti tarkaanfiin ni fudhatama-Abbaa Taayitichaa

Finfinnee, Fulbaana 6, 2016 (FBC)-Finfinneetti pirojektootaa ijaarsaa ulaagaa labsii ijaarsa gamoowwanii hinhordofne irratti misoomsitoota, Kontiraaktarootaa fi gorsitootaa hirmaatan irratti tarkaanfii fudhachuuf qophiin taasifamuu Abbaan Taayitaa To’annoo fi Eeyyama Ijaarsaa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Ittaanaan Daayrektaraa Abbaa Taayitichaa Obbo Gazzaanyi Deessisaa FBC’f akka ibsanitti, ijaarsi gamoowwanii qulqullina isaanii eeggataanii akka ijaaramaniif hanga aanaatti to’annoo fi hordiffii qindaawaa taasisuuf haaldureen xumurameera.

Haaluma kanaan ulaagaalee labsii gamoowwanii pirojektoota hinguutne irratti to’annoo taasifamuun tarkaanfiiwwan fudhataman misoomsitootaa qofaarratti utuu hintaane kontiraaktarootaa fi gorsitoota irrattis kan fudhatamu ta’uu ibsaniiru.

Bara 2015 keessaa ijaarsi gamoowwanii magaalattii bakkoota garaagaraatti gaggeeffamanii tokko tokko ulaagaa labsii kan hinguutnee fi hawaasarraan miidhaa geessisaniin misoomsitootarratti tarkaanfiin fudhatamuu kaasaniiru.

Tarkaanfii fudhatameenis pirojektoota 20 ta’an Birrii miiliyoona 67 adabamuu dubbataniiru.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment