Finfinnee, Onkololeessa 16, 2017 (FBC) –Hirmaannaan Itiyoophiyaan BRICS keessatti qabdu, guddina diinagdee isheef gumaacha olaanaa qabaachuu Itiyoophiyaatti Ambaassadarri Raashiyaa Eevgeenii Tereekhiin himan.
Biyyoonni miseensa BRICS, dhimmoota diinagdeefi hariiroo Uummataaf uummata gidduutti waloon kan hojjatan yoo tahu, kunis miseensonni biyyootaa guddina hundagaleessaa mirkaneessuuf kan isaan dandeessisu ta’uu eeraniiru.
Hirmaannaa Itiyoophiyaan BRICS keessatti qabdu, guddina diinagdee isheef qooda mataa isaa qabaachuu dubbachuun, Itiyoophiyaan kaayyoo BRICS milkeessuu keessatti illee shoora olaanaa akka gumaachiitu abdii qabaachuu kaasaniiru.
Itiyoophiyaan Yaa’iiBRICS 16ffaarratti hirmaachuun ejjennoo madaalawaa dhimmoota addunyaarratti qabdu agarsiifterti.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.