Hirmaannaa Shamarran hojii Dippiloomaasii keessatti qaban jajjabeessuuf hojjetamu qaba – Pireezidaanti Saahilawarq

Finfinnee, Adoolessa 1, 2016 (FBC) – Hirmaannaa Shamarran hojii Dippiloomaasii keessatti qaban jajjabeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamu akka qabu Pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen dubbatan.

Pireezidaanti Saahilawarq, guyyaa Dippiloomaasii Dubartoota Idil Addunyaa 2ffaarratti argamuun ergaa dabarsaniiru.

Hirmaannaa hojii Dippiloomaasii Shammaran Itiyoophiyaa dabaluuf barattoota Yuunivarsiitiif Meentarshiippiin kennamaa jiraachuu himaniiru.

Hanga ammaatti Shamarran kumni 1 fi 500 saganticha hordofuu himaniiru.

Akka biyyaattis ta’ee sadarkaa ardiitti hirmaannaa Dippiloomaasii shamarranii dabaluuf tumsaan hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Hirmaannaa Ambaasaaddarummaa, Ministeera Dhimma Alaa fi damee dippiloomaasii idil addunyaa keessatti dubartoonni qaban dabaluuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Barreessaa Olaanaan Komishinii Diinagdee Afrikaa Kilaavar Gaateeteen yaadachiisuu TOI gabaaseera.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment