Hirmaannaa hawaasni hojii nageenyaarratti taasisaa jiru cimsuuf kan gargaaruu gareen gorsaa walabaa hundaa’e

Finfinnee, Muddee 17, 2013 (FBC)- Hirmaannaa hawaasni hojii nageenyaarratti taasisaa jiru cimsuuf kan gargaaruu gareen gorsaa walabaa sadarkaa bulchiinsa magaalaa Finfinneetti hundaa’u Komishiniin poolisii magaalaa Finfinnee beeksise.

Hundeeffamicharratti kutaaleen hawaasa garaagaraa fi  keessummoonni waamichii taasifameef argamaniiru.

Komishiinarri komishiinii poolisii magaalaa Finfinnee Geetuu Araggaaw walitti qaba garee gorsaa walabaa akkasumaas artiist Xilaahuun Gugsaa itti aanaa walitti qabaa ta’uun filatamaniiru.

Miseensoota koree hafaan filachuu, yeroo walqunnamtii idilee murteessuuf karooraa qopheessuu Muddee 23, 2013 beellama qabachuu ibseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment