Finfinnee, Bitootessa 15, 2016 (FBC) – Guyyaan Guddina sammuu Idil Addunyaa Addabaabayii michummaatti mata duree ‘Bitootessa Diibooraa waliin’ jedhuun kabajameera.
Qaamni hundi waan danda’uun lammiilee rakkoo guddina Sammuu qaban tumsuu akka qaban Pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen ibsaniiru.
Faawundeeshiniin Diibooraa lammiileef kanneeniif Abdii ta’uu kaasuun, lammiilee kanneen tumsuun carraa yoo laanneef egeree biyyaaf abdii ta’uu danda’u jedhan.
Hirmaannaa fi fayyadamummaa lammiilee rakkoo guddina sammuu qabanii mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfasyeen ibsaniiru.
Dhimmi isaanii seera qaama miidhamtootaa keessatti akka hammatamu taasiifamuu dubbataniiru.
Qiddist Tasfaayeetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.