Finfinnee, Guraandhala 29, 2016 (FBC)- Hirmaannaa dubartootaa gama hundaan mirkaneessuun hanqina waan qabuuf hojii fi tattaaffii dabalataa kan gaafatu ta’uu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.
Mata duree “Dubartoota haa gahoomsinu, misoomaa fi nagaa haa mirkaneessinu” jedhuun guyyaa dubartootaa Idil Addunyaa Yaadannoo Injifannoo Adawaatti kabajameera.
Mirgaa fi walqixummaa koorniyaa dubartootaa mirkaneessuun biyyattiitti hirmaannaa siyaasaa, hawaasummaa, diinagdee akkasumas misoomaa irratti gahee qaban guddisuuf dameen hundaan hojjachaa jiraachuu himaniiru.
Hanga ammaatti tattaaffii hedduun taasifamullee, fayyadamummaa fi hirmaannaa dubartootaa hunda galeessa mirkaneessuun hanqina hedduu waan qabuuf hojii fi tattaaffii dabalataa barbaada jedhaniiru.
Hanqina mul’atu guutuuf hoggansaa dubartootaa hundarraa kan eegamu ta’uu hubachiisaniiru.
Dubartoonni sadarkaa hoggansarraa jiranis fakkeenya ta’uun bu’a qabeessa ta’uu bira darbee, fakkeenya ta’uun dubartoota biroof daandii ta’uun murteessaadha jedhaniiru.
Fayyadamummaa fi hirmaannaa dubartootaa hunda galeessa mirkaneessuuf hojiilee qabatamaan hojjachuuf itti gaafatamummaa qabna jechuun gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.