hirmaachuuf fedhii qabaachuu ibsan

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2015 (FBC) –Abbootiin qabeenyaa Turkii Ityoophiyaatti hojiilee misooma Invastimantii garaagarraatti hirmaachuuf fedhii qabaachuu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Turkii Baarik Baaraan ibsaniiru.

Agarsiifni Agiriid Fuuddi fi Saamsa Nyaataa Idil Addunyaa 5ffaan Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Agarsiisa kanarratti dhaabbileen biyyoota adda addaarraa walitti babba’an 130 oomishaa fi tajaajila isaanii beeksisaa jiru.

Dhaabbileen Turkii 18 ol ta’an agarsiisicharratti hirmaataa jiru jedhame.

Turkii fi Ityoophiyaan biyyoota michuu cimoo bara dheeraa ta’uu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Turkii Baarik Baaraan ibsaniiru.

Biyyoonni lamaan hariiroo daldalaa fi diinagdee olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Abbootiin qabeenyaa Turkii hedduun hojiilee misooma Invastimantii Ityoophiyaarratti hirmaachuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.

Maddi:- TOI

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment