Hiriirri mormii Biraasalsitti gaggeefamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2015 (FBC)– Biyyoonni Lixaa dhimma Ityoophiyaa keessaa haa bahan jechuun hiriirri mormii Beeljiyam Biraasalsiitti gaggeeffamaa jira.

Hiriira mormii Koomishinii Awuroppaatti duraatti gaggeeffamaa jiruurratti lammiileen Ityoophiyaa Awuroppaa jiraatan, dhalattoonni Ityoophiyaa fi michuuwwan Ityoophiyaa hirmachaa jiru jedhameera.

Lammiileen Ityoophiyaa, Faransaay, Xaaliyaanii fi Jarman jiraatan irratti hirmaachaa jiraachuunis ibsameera.

Kayyoon hiriirichaa biyyoooni Lixaa tokko tokko dhimmoota keessoo Ityoophiyaarratti dhiibbaa taasisan hawaasa addunyaaf beeksisuuf jedhameera.

Hiriirtonni dhaddannoowwan garaagaraa qabachuun sagaalee isaanii dhaggeessisaa jiraachuun eerameera.

Qindeessitonni hiriiricha Hogganaa Koomishinii Dhimmoota Alaa Awuroppaaf xalayaa mormii dhiyeessaniiru.

Hiriirichi Addabaabaayi Shuumaan, Koomishiini Awuroppaa fi paarlaama Beeljiyam, Embaasii Ameerikaa fi waajjiraalee gurguddoo mootummaa duratti ta’uu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment