Hiriirri giddu seentummaa biyyoota Lixaa mormuu Dirree Dawaatti gaggeeffame

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2015 (FBC)- Jiraattonni Magaalaa Dirree Dawaa gidduu seentummaa biyyoota Lixaa mormuu fi deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa argisiisuuf hiriira bahaniiru.

Kantiibaan Magaalattii Obbo Juhaar Kadiir ergaa hiriirtotaaf dabarsaniin waraana keessaa fi alaan nutti fuulleffatan injifachuun haamilee diinota keenyaa cabsuu dandeenyeerraa jedhaniiru.

Biyyooni Lixaa Ityoophiyaarratti dhiibbaa taasisan ni mormina kan jedhan Obbo Kadiir, jiraattonni dhiibaa jiru mormuu fi Raayyaa Ittisaaf deeggarsa taasisuu akka qaban dhaamaniiru.

Walitti Qabaan Mana Mare Waloo Paartilee Siyaasaa Magaalaa Dirree Dawaa Keessa Obbo Yoonaas Batiruu gama isaaniin biyyoonni lixaa maqaa gargaarsaan dhiibbaa biyyaa keenyarraan gahan ni mormina jedhaniiru.

Miniyaahil Malaseetu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Comments (0)
Add Comment