Hiriirri deeggarsaa waliigaltee karraa galaanaa argachuu Itiyoophiyaa gaggeeffame

Finfinnee, Mudde 23, 2016 (FBC)- Hiriirri deeggarsaa fi gammachuu waliigaltee Itiyoophiyaan karraa galaanaa argachuuf Somaaliilaandi waliin mallatteessite bakkoota garaagaraatti gaggeeffamaa jira.

Haaluma kanaan hirriirri kun Magaalaa Dirree Dhawaatti gaggeeffameera.

Hiriricharratti Kantiibaan Magaalattii Obbo Kadiir Juhaar haasawaa taasisaniin, Itiyoophiyaan karra galaanaa akka argachuu kan dandeesse ga’umsa hoggantummaan ta’uu ibsan.

Guddina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf biyyootaa ollaa waliin fayyadamummaa waloorratti walta’iinsaan hojjechuun murteessaa ta’uu kaasuu ragaan Kominikeeshinii magaalicharraa argae ni mul’isa..

Bifuma walfakkaatuun hiriirri deeggarsa Magaalaa Dasseettis gaggeeffameera.

Jiraattonni Magaalaa Dasee waliigaltee karra galaanaa Itiyoophiyaan Somaalii Laandi waliin mallateessite akka isaan gammachiisee ibsuu AMC’n gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment