Finfinnee, Bitootessa 23, 2015 (FBC) – Hiriirri deeggarsaa injifannoo fi milkaa’ina jijjiiramaan booda argame itti fufsiisuuf kaayyeffate guutuu Oromiyaatti Boru kan gaggeeffamu ta’uu hogganaan Biiroo kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaan ibsan.
Obbo Hayiluun, hiriirri deeggarsaa kun injifannoo fi milkaa’inoota Bitootessa 24 bara 2010 asitti galmaa’an itti fufsiisuuf akka ta’ee himuun, waggoota shanan darban gama siyaasaa, diinagdee, hawaasummaa fi dameewwan birootiin naannichatti injifannoo jajjaboon galmaa’uu ibsaniiru.
Hiriira deeggarsaa godinaalee fi bulchiinsawwan magaalaa naannichaa hundatti boru adeemsifamu kanarratti uummanni injifannoowwanii fi milkiiwwan qabsaa’ee galmeessise itti fufsiisuuf kutannoosaa ni mirkaneessa jedhaniiru.
Hiriira deeggarsaa Kanaan waggoottan jijjiiramaa kanneen keessatti qormaatilee quunnamanii fi fuula duratti quunnaman waliin ta’uun fi obbolummaan cehuuf waadaan kan itti galamu ta’uu ibsaniiru.
Jidduu kana naannicha iddoowwan addaddaatti mariiwwan milkiiwwan argaman itti fufsiisuun danda’amurratti xiyyeeffatan taasifamuu obbo Hayiluun eeraniiru.
Obbolummaa, tokkummaa fi walqixxummaan misooma biyyaarratti hirmaachuuf jijjiiramichi karaa akka bane bal’inaan mari’atameera jedhan.
Fuula duras uummanni naannichaa finxaalessummaa fi dhaadhessummaa irratti qabsaa’uun gamtoominaa fi tokkummaan ka’uun misoomaa fi nageenyarratti akka xiyyeeffatu hubachiisaniiru.
Hiriira nagaa kana milkiidhaan adeemsisuuf mootummaan naannichaa qophii barbaachisu hunda xumuruusaa Obbo Hayiluun himaniiru.
Uummanni naannichaa hiriira kanarratti akka hirmaatu waamicha dhiyeessaniiru.
Dargaggoonni, tola ooltonnii fi qaamoleen nageenyaa hiriira deeggarsaa kana qindeessuuf qophii barbaachisu taasisuu isaanii himaniiru.
Hiriirri nagaa kun boru Bitootessa 24 bara 2015 ganama sa’aatii 12 irraa kaasee kan gaggeeffamu ta’uu dubbataniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.