Hiriirri deeggarsaa Addabaabaayii Masqalaatti gaggeeffamu nagaan akka xumuramuuf qophiin xumuramuu Humni Waloo Nageenyaa beeksise

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2015(FBC)- Hiriirri deeggarsaa guyyaa boruu Addabaabaayii Masqalaatti gaggeeffamu nagaan akka xumuramuuf qophii barbaachisaan xumuramuu Humni Waloo Nageenyaa beeksise.

Hiriirichi eegalamee hanga xumuramutti daandiiwwan konkolaattotaaf cufaa ta’an ifoomaniiru.

Haaluma kanaan:-

  1. Daandiin Magganaanyaarraa gara Addabaabaayii Masqalaa akkasumas Eednaamool irraa gama Atilaas Kaazaanchiis geessu Addabaabaayii Uraa’eel irratti
  2. Daandiin Gootaraarraa gara Addabaabaayii Masqalaa geessu Araattanyaa Kiflaxoor irratti
  3. Goofaarraa gama daandii haaraan Lagahaar geessu naannoo batasakaana Qiirqoositti
  4. Bulgaariyaarraa gama Addabaabaayii Meeksiikoon Lagahaar irratti
  5. Daandiin Saarbeetirraa gara Addabaabaayii Meeksiikoo akkasumas Xoor Haayiloochirraa gama Murtii Olaanaa Lidataan Lagahaar geessu Addabaabaayii Meeksiikoo irratti
  6. Daandiin Teklaayimaanot irraa gama Goommaa Quxxabaan Lagahaar geessu naannoo mana waliin jireenyaa 40/60 Sangaataraarratti
  7. Daandiin Geejjaasafar irraa gama Buufata Poolisii Amistanyaan Lagahaar geessu naannoo Goommaa Quxxabaatti
  8. Daandiin Markaatoorraa gama Teklaayimaanotiifi Hospitaala Tuqur Anbassaa balbala Inistiitiyuutii Raaga Qilleensaa irratti
  9. Daandiin Raas Tiyaatir irraa gama Goollaa Mikaa’el Masqalanyaa Mikaa’el irratti
  10. Daandiin Teklaayimaanot irraa gama Immigireeshinii geessu Sheelii Xiqur Anbassaa biratti
  11. Daandiin Piyaassaarraa Lagahaar geessu Addabaabaayii Teewoodiroos irratti
  12. Daandiin Aroogee Qeeraarraa gama Filwuhaa geessu naannoo mana maxxansaa Nigdirratti
  13. Daandiin Kaazaanchis irraa gara Hiltan geessu naannoo Tootaalii Kaazaanchiisitti
  14. Daandiin Awaareerraa gama Kaazaanchiis Filwuhaa geessu naannoo Filwuhaatti kan cufamu ta’uu ibsameera.

Daandiiwwan kunneen barii keessaa sa’aatii 11:00 irraa eegalee kan cufaman ta’uu beekuun konkolaachistoonni daandiiwwan filannoo akka fayyadaman yaadachiifameera.

Daandiiwwan cufaman kanneen irra yeroo gabaabaafis ta’e dheeraaf konkolaattota dhaabuun akkasumas Jimaata galgala irraa eegalee konkolaattota bulchuun dhorkamuu Poolisiin magaalichaa yaadachiiseera.

Hawaasni tajaajila poolisii argachuufis ta’ee wantoota shakkisiisoo ta’an argee eruu kennuu yoo barbaade gama toorawwan bilbila bilisaa 991 yookaan ammoo 816 akkasumas toorawwan bilbilaa01- 11 -11- 01 -11, 01- 11- 26- 43- 59, 01- 11- 01- 02- 97 fayyadamuu kan danda’u ta’uu ibseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment