Hiriirri deeggarsa Raayyaa ittisa biyyaa fi balaaleffannaa garee ABUT godina Harargee Bahaatti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Hagayya 5, 2013 (FBC)- Hiriirri deeggarsa Raayyaa ittisa biyyaa fi balaaleffannaa Garee ABUT Godina Harargee Bahaatti gaggeeffamaa jira.

Hiriirri Aanaalee godinichaa 20 fi bulchiinsa magaalotaa 4 keessaatti gaggeeffama kan jitu.

Hirmaattoonni hiriirichaa birmadummaa biyya keenyaa eegsisuuf yoomiiyyuu tokkummaan ni dhaabbanna, Raayyaan ittisa biyyaa gaachana keenya, TPLF diina keenya jechuun sagalee isaanii dhageessisaa jiruu.

Kanamalees, birmadummaa biyya keenyaa eegsisuuf yoomiiyyuu duubatti hin deebinu, biyyi keenyas hin diigamtu humna, dandeettiifi waan qabnuun biyya keenyaaf ni dhaabbanna jechuun dhaadhannoo isaanii dhageessisaa jiru hirmaattonni hiriirichaa.

Nageessoo Kadiirtu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.ttonni hiriirichaa.

 

 

Comments (0)
Add Comment