Hiriirri deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi balaaleeffannaan garee shororkeessa TPLF magaalaa Finfinneetti gaggeeffama jira

Finfinnee, Hagayya 2, 2013 (FBC)-
Hiriirri deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi balaaleeffannaan garee shororkeessa TPLF magaalaa Finfinneetti gaggeeffama jira.
Gocha badii garee shororkeessaa ABUT balaaaleeffachuu fi Raayyaa Ittisa Biyyaa cinaa dhaabbachuuf agarsisuuf hawaasni Magaalaa Finfinnee fi naannawaashitti argaman fardeeniin dabaalamuun Addabaabaayi Masqalaatti hiriira bahuun sagalee isaanii dhaggeessisurratti argamu.
Hiriira kanarratti dhaadhannoowwan”Itiyoophiyaa wareegama keenyaan ijaaramte wareegama keenyaan ni eegganna,Goticha Rayyaa Ittisa Biyyaa keenyaaf Kabajatu malaaf,Seenaa gootummaa malee seenaa gantummaa hin qabnu,Gidduu seentummaan biyyoota lixaa haa dhaabbatu”kan jedhu fi kanneen biroo dhagga’amaa jiru.
Daagmaawii Dagsiisaatu gabaase

 

Comments (0)
Add Comment