Hiriirri balaaleffannaa shororkeessaa ABUT fi Ameerikaan tarkaanfii akka fudhattu gaafatu gaggeeffamuufi

Finfinnee, Fulbaana 6, 2015(FBC)- Shororkeessaan ABUT waraana bane kan balaaleffatuu fi Ameerikaan garecharratti tarkaanfii akka fudhattu kan gaafatu hiriirri nagaa Dilbata dhufu Waashingitan DC’tti kan gaggeeffamu ta’uun eerame.

Hiriirichi “White House” duratti kan gaggeeffamu ta’uu Walitti Qabaan Koree Waldaa Nageenyaa fi Tokkummaa Ityoophiyaaf DC Xaasawu Malaakahiiwot ibsaniiru.

Hiriirtonni waraana shororkeessaan ABUT Ityoophiyaarratti bane kan balaaleffatu ta’uu himaniiru.

“Ameerikaan waraaana garechi eegale ifatti akka balaaleffattuu fi gochaa digumsa isaaf itti gaafatamaa taasisuu qabdi; nageenya waaraa fiduuf mootummaa Ityoophiyaa cina dhaabbachuu qabdi” dhaadannoowwan jdhan akka dhageessifaman eeraniiru.

Ergaawwaan Ameerikaan imaammataa alaa dogoggoraa Ityoophiyaa fi Eertiraarratti hordoftu irra deebiin ilaaluu akka qabdu hiriiricharratti kan ibsamu ta’as jedhan.

Kan cinaattis duulli Tiwiitaraa Ityoophiyaa deeggaruu gaggeeffamaa jiraachuu Obbo Xaasawu ibsaniiru.

Dabalataan, Ityoophiyaanotaa fi Eertiraanota Ameerikaatti argamaniin kan hundeeffaman dhaabbileen siiviikii fi gurmaa’inni diyaaspooraa bara faranjootaa 2022’tti filannoo walakkeessaa waggaa Ameerikaarratti miseensota kongirasii fi seenaataroota faayidaa Ityoophiyaa miidhan sagalee dhowwachuuf sochii qindaawaan gaggeeffamaa akka jiru eerameera.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment