Hiriirri balaaleffannaa gareewwan shorokeessitootaa  fi  deeggarsa duula birmadummaa magaalaa Sabbataa, Laga Xaafoo Laga Daadhii fi Bishooftuutti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2014 (FBC) – Magaalaa Sabbataa,Laga Xaafoo Laga Daadhii fi Bishooftuutti hiriirri deeggarsa duula birmadummaa fi balaaleffannaa garee shororkeessaa ABUT fi shanee dhaadannoowwan garaagaraan gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.

Hiriirri kun dhaadannoowwan balaaleffannaa gareewwan shororkeessaa fi  deeggarsa duula birmadummaa ibsan dhageessisuun gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.

Hiriirtoonni kunnee  Wayyaaneen Diina Itoophiyaanota Hundaati!,

Wayyaanee Dhabamsiisuun Wabii Hiree Ummata Ityoophiyaa Mirkaneessuudha!, Hin Irraanfadhu; Wayyaaneen Diina Qeerroofi Qarree Oromooti!, Nan Duula; Birmadummaa Ityoophiyaa Nan Kabachiisa!, Awwaala Gantootaarratti Badhaadhina Ityoophiyaa ni Mirkaneessina!, Raayyaa Ittisa Biyyaafi Humna Nageenyaa Keenya Deeggaruuf Wanti Qusannu hin Jiru!,Aggaammii Diinota Keessaafi Alaa Tokkummaan ni Qolanna!,

Gaachanni Sirnaa Wabii Birmadummaa Biyyaati!, Gochoota Gara-jabinaa Wayyaaneefi Shanee ni Balaaleffanna!, Maqaa Gargaarsa Namoomaatiin Birmadummaa Biyyaa Dabarsinee hin Kenninu!,Harka Tokkoon Hojii Misoomaaf, Harka Kaaniin Diina Dhabamsiisuuf Nan Hojjedha!, Lukkuu Hanga Lubbuutti Raayyaa Ittisaa ni Deeggarra!, Osoo Ani  Jiruu Wayyaaneen Lamuu Gateettii Ummataatti Ol hin Deebitu! dhaadannoowwan jedhan dhageessisaa jiraachuu himameera.

Daagmaawii Deeksiisaa fi Iddoosaa Abdiitu gabaase.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment