Hiriirri balaaleffannaa garee shororkeessaa ABUT fi shanee magaalaa Finfinneetti gaggeeffame nagaan xumuramuu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2014 (FBC) – Hiriirri balaaleffannaa garee shororkeessaa ABUT fi shanee magaalaa Finfinnee Addabaabayii Masqalaatti gaggeeffame karaa nagaan xumuramuu Komishiniin Poolisii magaalichaa beeksiise.

Hiriirri deeggarsa Raayyaa Ittisaa fi balaaleffannaa garee shororkeessitootaa mata duree ‘wareegama kaffaluun biyya koo nan eega’, jedhuun gaggeeffame rakkoo tokko malee karaa nagaan xumuramuu Komishinichi beeksiseera.

Sagantichi karaa nagaan akka xumuramu qaamolee gumaacha taasiisan hunda galateeffateera.

Nageenya magaalichaa kabachiisuuf hojii addaa hojjetamaa jiruuf hawaasni magaalichaa tumsa taasiisu cimee itti fufu akka qabu gaafachuu ragaan Komishinii poolisii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment