Hiriirri balaaleffannaa garee Shororkeessaa ABO Shanee sadarkaa Godina Arsii Lixaatti gaggeeffame

Finfinnee, Hagayya 15, 2013 (FBC) –Hawaasni aanaalee godinichaa 13 fi bulchiinsota magaalaa 2 irraa walitti babba’an Istaadiyeemii magaakaa Nageellee Arsiitti argamuun hiriira balaaleffannaa garee ABO Shanee gaggeessaniiru.
Umrii garee kana gabaabsuuf gooticha Raayyaa Ittisa biyyaa cinaa ni dhaabbanna jedhan.
Itti gaafatamaan Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa godina Arsii Lixaa obbo Muhaammad Kisoo ABO Shaneen diina ummata Oromoo ta’uu isaa hariiroo garee Shororkeessaa ABUT waliin uumeen mirkaneessuusaara jedhan.
Itti Aanaa Bulchaan Bulchiinsa Godina Arsii Lixaa Obbo Abdurahmaan Gammadaa gareen Shororkeessaa ABO Shaneen dararaa gareen Shororkeessaa ABUT Ummata Ityoophiyaa irraan ga’aa ture keessaa hirmaannaa qabaachuusaa cidha waliin gaggeeffataniin mirkaneessanii jiru jedhan.
Lubbuu fi Lafee qabsaa’otaa fi gootota Oromoo irra dhaabbatanii ABUT waliin shariika ta’uun isaanii ifatti gareen kun diina Oromoo ta’uusaa agarsiiseeras jedhan.
Biqilaa Tufaatu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment