Hiriira nagaa da’eeffachuun shirri garee shororkeessummaaf socho’aa turaanii fashalaa’uu Humni Waloo beeksise

Finfinnee, Sadaasa 27, 2016 (FBC)- Hiriira nagaa da’eeffachuun Magaalaa Finfinnee giddugala jeequmsaa fi hokkaraa taasisuuf shirri garee ergama shororkeessummaa fudhatanii socho’aa turaanii fashalaa’uu Humni Waloo Nageenya Biyyaalessaa beeksise.

Humnichi Waloo akka beeksisetti, humnoonni fiinxaaleyyii fi gareewwan shororkeesitootaa Naannolee Oromiyaa fi Amaaraa naannawaa tokko tokkotti ajjechaa fi dararaa hidhanoon tumsame raawwachuun akkasumas rakkoolee nageeyaa uumuun sochii nagaa hawaasaa jeeqaa jiru.

Qaamoleen kunneenis naannolee lameenitti sochii farra nageenyaa raawwataa jiran gara Magaalaa Finfinneetti babal’isuun hokkaraa fi jeequmsa uumuun “Naannawaa Jeequmsaa” taasisna jechuun karoora jeequmsaa raawwachuuf socho’aa turuu mirkanaa’uu ibseera.

Haaluma kanaan garee humnootaa hidhatanii magaalattii dhoksaan yaaliin seensisuu taasifamuu, maqaa hiriira gaggeessina jedhuun hookaraa fi jeequmsa uumuun haleellaa shororkeessummaa lammiilee nagaarratti qiyyaafate qabatanii socho’aa turuu ibsi humnicha waloo akeekera.

Gochaa kan raawwachuuf ergama fudhatanii socho’aa kan turaan shakkamtoonni 97 oppireeshinii gaggeeffameen to’annoo jala oolfamuu beekiseera.

Humni waloo ibsa isaan, humnoonni fiinxaaleyyiin daandii badiisaa isaanii kanarraa akka deebi’anii fi rakkoolee jiran mariin akka furaman irra deddeebiin carraa kennameef fayyamuurra ammas gochaa seeraan alaarratti boba’uu itti fufuu akeekeera.

Mootummaan, biyyattiittis ta’e Magaalaa Finfinneetti itti gaafatama olaantummaa seeraa mirkaneessuu waan qabuuf, Humni Waloo Tikaa fi Nageenya Biyyaalessaa tarkaanfii seeraa keessa deebii hinqabne fudhachaa jiraachuu eereera.

Dabalataan, shira hidhattoota humnoota fiinxaaleyyii Naannoo Amaaraa fi garee Shororkeessaa Shanee fashaleessuuf Finfinnee naannawaa garaagaraatti sakatta’aa taasifameen shakkamtoota gareewwan kanneen waliin walta’iinsaan hojjetan akka to’ataman taasisuu ibseera.

Yeroof shakkamtoota miliqan adamsuun to’annoo jala oolchuuf sochii qindaa’aan taasifamaa jiraachuu ibseera.

Haaluma kanaan sakattaa’aa taasifameen meeshaalee waraanaa, dhootuuwwan garaagaraa, raadiyoo quunnamtii garee fiinxaaleyyii fi shororkeessaa shanee qabamuu beeksiseera.

Humnoonnii alaa tokko tokkos Naannolee Oromiyaa fi Amaaraa naannawaa tokko tokkootti gareewwan shororkeessaa shanee fi fiinxaaleyyii deeggaruun shira biyya diiguu gaggeessaa jiran humnichi waloo bira ga’uu ibsichaan eereera.

Kana fashaleessuufis tarkaanfiin seeraa cimaan fudhatamaa jira jedheera.

Itti fufiinsa biyyattii balaarra buusuuf humnoonni farra nagaa biyya keessaa fi alaa socho’aa jiran haala karoorfataniin gara gochaatti akka hinseennee fi fedhiin isaanii akka galma hingeenye bobbii gaggeeffamaa jiruun saaxilamummaa jiru dursee hubachuun miidhaa qabeenyaa fi namoomaa olaanaa ga’uuf ture hambisuu danda’uu eereera.

Adeemsa kanaanis walta’iinsa dhaabbileen qaamolee nageenyaa akkasumas aadaan qindoominaan hojjechuu ummata Itiyoophiyaa akkasumas jiraattota Magaalaa Finfinnee sochii seeraan alaa mul’atu saaxiluun hirmaannaan taasisan kan dinqisiifatamu ta’uun galata dhiyeesseera.

Fuuldurattis kaayyoo humnoota fiinxaaleyyii fi shororkeessitootaa fashaleessuuf tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu fudhatamaa jiru, hawaasni eeruu kennuun tumsa taasisaa jiru cimsee akka itti fufu Humni Waloo Tikaa fi Nageenya Biyyaalessaa waamicha dhiyeesseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment