Hinditti sababa dhugaatii summaa’aan lubbuun namoota hedduu darbuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2016 (FBC) – Hindi Bulchiinsa kutaa Kibbaatti sababa dhugaatii Alkoolii summaa’aan lubbuun namoota 34 darbuu gabaafame.
Namoota lubbuun darban dabalataan namoonni100 ol dhibeewwan adda addaaf saaxilamuun Hospitaalaatti yaalamaa jiraachuu Dubbii Himaan Mootummaa biyyaattii ibseera.
Kana hordofee Aanga’oonni 10 ol hojiirraa gaggeeffamuu eerameera.
Namni dhuunfaan rakkoo kana uumuun shakkame to’annoo jala ooluu himameera.
Alkooliin Liitirri 200 Meetaanoolii waliin walitti makamee gurguramuuf ture to’atamuu mootummaan biyyattii beeksisuu TRTn gabaaseera.
Bara darbes sababa dhugaatii Alkoolii summaa’aan lubbuun namoota 12 darbuun kan yaadatamuudha.
Comments (0)
Add Comment