Hinditti Holqi ijaarramaa jiru jiguun lubbuu hojjettoota 30 galaafate

Finfinnee, Sadaasa 3, 2016 (FBC) – Hindi Bulchiinsa Hiimaaliyaatti sigiga lafaa madateen Holqi ijaarramaa jiru jiguun lubbuu hojjettoota 30 galaafachuu ibsameera.

Hojjettoonni Ittisa Sodaa Balaa fi Dhaabbileen tola ooltootaa hojjettoota hanga ammaatti lubbuun jiran baraaruuf hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Balaan kun bakka Utaaraakhaandi jedhamutti yoo ta’uu, iddoo Manneen Amantaa Hinduu baay’iinaan argaman waan ta’eef waggaa waggaan turistoonni hedduun bakka kana kan daawwatan ta’uu ibsameera.

Holqi jiges gara keessatti Meetira 200 irratti ta’uu SKY News gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment