Finfinnee, Bitootessa 27, 2013 (FBC) – Hindi guyyaa tokkotti vaayrasiin koroonaa namoota kuma dhibbi 1 ol irratti argamuu beeksiifte.
Biyyattiitti guyyaa tokkotti namoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 3 fi 558 vaayrasii koroonaan qabamuu Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksiseera.
Hindi Ameerikaa fi Braaziilitti aantee addunyaarraa biyya sadaffaa weerarri vaayrasii daraan itti hammate ta’uu ishee ibsameera.
Hinditti hanga ammaatti namoota dhibichaan qabaman miiliyoona 12.6 keessaa lubbuun namoota kuma dhibba 1 fi kuma 65 fi 101 darbuu ibsameera.
Biyyattiin hanga ammaatti marsaa duraan lammiilee miilyoona 76f talaalli dhibichaa yoo laattu, namoota miiliyoona 9.5f ammoo talaallii marsaa 2ffaa laachuu ishee himameera.
Maddi:- Al Jazeera
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.