Hinditti balaa ibiddaan lubbuun namoota 9 darbe

Finfinnee, Muddee 13, 2012 (FBC) – Hinditti balaa ibiddaa gamoo mana jireenyaarratti qaqqabeen lubbuun namoota 9 darbeera.

Balaan kun magaalaa Delhiitti kan qaqqabe yoo ta’u, namoota lubbuun darbe dabalataan namoota 10 irra miidhaan qaqqabeera.

Namoonni balaa kanaan miidhamaan hospitaala naannichaatti yaalama kan jiran ta’uu ragaan naannichaa bahe ni muldhisa.

Maddi:- CGTN

Comments (0)
Add Comment