Hindiin filmaatawwan daldalaa fi invastimantii Ityoophiyaa beeksisuuf qophaa’ummaa ishee ibsite

Finfinnee, Hagayya 2, 2015 (FBC)- Hindiin filmaatawwan daldalaa fi invastimantii Ityoophiyaa beeksisuu fi Embaasii Ityoophiyaa waliin walta’iinsaan hojjechuuf qophaa’ummaa ishee ibsite.

Hinditti Ambaasaddarri Ityoophiyaa Dammaqaa Axinaafuun, Pireezidaantii fi Hojigaggeessaa Mana Maree Hariiroo Alaa, Misoomaa Waaraa Fi Daldalaa Hindii Abiinaav Baayaan waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniinis, filmaatawwan daldalaa fi invastimantii Ityoophiyarratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.

Ambaasaaddar Dammaqaan, xiyyeeffannaa maricharratttti ibsa kan kennan yoo ta’u, hariiroon biyyoota lameenii baroota dheeraa kan lakkoofsise, fayyadamummaa waloorratti kan xiyyeeffatee akka ta’uuf, mootummaan Ityoophiyaa kutannoo qabaachuu ibsuu ragaan embaasicharraa argame ni mul’isa.

Imaammata invastimantii alaa fi daldalaa irratti fooyya’iinsa taasisuun biyyattiin abbootii qabeenyaa alaan filatamtuu akka taatu mootumman tattaaffii olaanaa taasiseera jedhan.

Abiinaav Baayaan gama isaaniin manni maree daldala biyyattii waltajjiiwwan walitti fufiinsaa gaggeessuun, embaasicha waliin walta’iinsaan hojjechuu fi filmatawwan daldalaa fi invastimantii Ityoophiyaa beeksisuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment