Hindii fi Baangilaadeeshi Bubbee cimaa rooba makateen miidhamuu danda’u jedhame

Finfinnee, Caamsaa 12, 2012 (FBC) – Hindii fi Baangilaadeesh sodaa Bubbee cimaa rooba make muudachuu danda’a jedhuun lammiilee isaanii miiliyoonaan lakkaawwaman godaansisaa jiru.
 
Ogeeyyiin raaga haala qilleensaa Bubbee cimaan Amfaan jedhamuu fi sadarkaa 5irratti ramadamu biyyoota lameen waaree booda Rooba fi lolaa cimaan miidhuu akka danda’u akeekkasiisaniiru.
 
Bu’uruma kanaa lammiilee naannoo balaan kun miidhuu danda’a jedhame jiraataan hojiin godaansisu gaggeeffamaa jiraachuu himameera.
 
Baqattoonnii fi namoonni harka qaleeyyiin sadarkaa duraatti miidhamoo ta’uu akka danda’an sodaan jiraachuu eerrameera.
 
Bubbee cimaan kun qarqara Baha garba Hindii fi Kibba Baangilaadeesh haalaan miidhuu akka danda’u ibsameera.
 
Biyyoota kanneeniitti sababa kanan manneen jireenyaa, bu’uraalee misoomaa, oomishaalee fi dhiyeessii humnarraa miidhaan ga’u cimaa ta’uu akka danda’u ogeeyyiin raaga haala qilleensaa ibsaaniiru.
 
Miidhaa qaqqabuu danda’u hir’isuu hojiin namoota godaansisu xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru himameera.
 
Bubbeen kun weerara vaayrasii koroonaatti dabalamuun biyyootta kanneeniitti qormaata cimaa ta’uu danda’a jedhameera.
Maddi:- CNN fi BBC
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment