Hindi Walitti bu’iinsa Yuukreeniif furmaanni hunda galeessi akka laatame gaaffatte

Finfinnee, Hagayya1, 2015 (FBC) – Hindiin waldhabdee Yuukreen keessatti uumameef furmaanni hunda galeessi akka kennamu gaafatteerti.

Hindi walga’ii Saa’ud Arabiyaatti gaggeeffamerratti waldhabdichaaf marii fi Dippiloomaasiin barbaachisaa ta’uu kaafteerti.

Waldhabdicha dhaabuuf filannoon duraa marii fi Dippiloomaasii ta’uu Niwuu Deelhiin kan amantu ta’uu Walga’iicharratti Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa biyyattii Ajiit Doovaal ibsaniiru.

Hindi rakkichaaf furmaata waaraa argachuuf murannoo qabaachuu kaasaniiru.

Waldhabdeen Yuukreenii fi Raashiyaa sadarkaa addunyaatti dhiibbaa olaanaa qaqqabsiisaa jiraachuu himaniiru.
Keessattuu waraanichi biyyoota Kutaa Kibba Addunyaatti argamirratti dhiibaa cimaa qaqqabsiisuu kaasaniiru.

Sababa kanaan Hindi Yuukreenitti deeggarsa namoomaa kan dhiyeessitu ta’uu fi biyyoota ollaa Kibbatti argamaniif ammoo tumsa diinagdee kan taasiiftu ta’uu dubbachuu RT gabaaseera

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment