Hindi diinagdee Itiyoophiyaa fooyyessuuf akka tumsitu ibsite

Finfinnee, Sadaasa 18, 2017 (FBC)- Hindi diinagdeen Itiyoophiyaa akka fooyya’uuf hammattoo walta’iinsa BRICS’n tumsa taasisuuf qophii ta’uu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Biyyattii Aniil Kumaar Raa’ii mirkaneessan.

Hindi hariiroowwan damee daldalaa, invastimantii, misoomaa fi kanneen biroon walta’iinsa qabdu cimsuuf BRICS carraa bal’aa uumaa jiraachuun eerameera.

BRICS guddina biyyoota guddachaa jiranii saffisiisuu fi waltajjiiwwan Idil Addunyaa irratti madaalaa eeguuf akka tumsu dubbataniiru.

Biyyi isaanis gama BRICS’n fedhii biyyoota guddachaa jiranii guutuuf dameewwan garaagaraan hojjechuuf qophii ta’uu himan.

BRICS Itiyoophiyaan Hindii fi biyyoota miseensaa biroo waliin tumsa walta’iinsaa cimsuuf, beekumsaa fi muuxannoo waljijjiiruuf akka gargaaru akeekaniiru.

Itiyoophiyaan diinagdee waaraa ijaaruun badhaadhina mirkaneessuuf riifoormii gaggeessaa jirtu, hammattoo BRICS’n tumsuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

Gufuulee hojiilee misoomaa keessatti mudatan furuuf, walta’iinsa tarsiimawaa fi beekumsarratti walta’iinsaan hojjechuun misoomaa waaraa mirkaneesuuf, Hindi Itiyoophiyaa cinaa akka dhaabbattu himaniiru.

Itiyoophiyaan miseensa BRICS ta’uun sadarkaa addunyaa fi naannawichaatti walta’iinsa cimsuuf fayyadamtuu akka taasisu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment