Hindi deeggarsa damee fayyaa Itiyoophiyaaf taasiiftu cimsitee kan itti fuftu ta’uu beeksifte

Finfinnee, Hagayya 18, 2016 (FBC) – Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan jila Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Hindii Aniil Kumaariin durfamu waliin mari’ataniiru.

Dhimmoota damee fayyaarraatti tumsaan hojjechuuf dandeessisanirratti mari’ataniiru.

Tumsi Hindi damee fayyaa Itiyoophiyaaf taasiisaa jirtu daraan jajjabeessaa ta’uu Dooktar Maqdas maricharratti ibsaniiru.

Tumsicha caalmaatti cimsuuf kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Mootummaan Hindii Ogeeyyii Yaala Fayyaa Itiyoophiyaaf leenjii ogummaa kennuuf haala mijeessaa jiraachuu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Hindii Aniil Kumaar himaniiru.

Biyyi isaanii damee fayyaa Itiyoophiyaaf tumsa taasiiftu cimsitee kan itti fuftu ta’uu kaasuu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni mul’isa.

#Ashaaraa_Magariisaa #Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment