Hind misooma intarpiraayizii Ityoophiyaa deeggaruu akka barbaaddu beeksiste

Finfinnee, Muddee 9, 2012 (FBC) – Hind misooma intarpiraayizoota xixiqqaa Ityoophiyaa deeggaruu akka barbaaddu beeksiste.

Hinditti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Tizzitaa Mulgeetaan ministira Ministeera Geejibaa fi Daandii, Intarpiraayizoota Xixiqqaa fi Jiddugaleessaa Hind Shirii Niitiin Gaadikaarii waliin mari’ataniiru.

Marichaan hariiroon daldalaa, invastimantii, ijaarsa dandeettii, hariiroo ummattummaa waggoota dheeraa lakkoofsisuun ibsameera.

Haaluma kanaan misooma intarpiraayizii Ityoophiyaa cimsuun murteessaa ta’uun ibsamee, ministirichi biyyi isaanii gama kanaan Ityoophiyaa waliin hojjechuu kan barbaaddu ta’uu eeran.

Hojiilee Ityoophiyaan damichaan hojjettuuf Hind muuxannooshee qooduu akka barbaaddus ibsaniiru.

Comments (0)
Add Comment